Boordichi Qajeelcha Waliigalaa Ajaja Labsii Yeroo ariifachiisaa waliin mari’ate

Finfinnee, Sadaasa 14, 2016 (FBC) – Boordiin Qorannoo Labsii yeroo ariifachiisaa hojiirra oolmaa yaada murtoo kennee turerratti Qajeelcha Waliigalaa Ajaja Labsii Yeroo ariifachiisaa waliin mari’ateera.

Boordichi marii qajeelchicha waliin taasise ilaalchisee ibsa kenneera.

Boordichi erga hundaa’ee eegalee ergama labsiin itti kenname raawwachaa turuu ibseera.

Naannoo Amaaraatti namoota sababa walitti bu’iinsa uumame keessatti hirmaachuun to’ataman qabiinsa mirga namoomaa isaanii daawwachuu himeera.

Daawwannaa taasiseen qabiinsi mirga namoomaa shakkamtoota kanneenii gaarii ta’uu mirkaneessuu ibseera.

Namoota to’annoo jala oolaan kuma 4 fi 116 keessaa marsaa 2n namoota kuma 2 fi 424f leenjiin haaromsaa kennamuun hawaasatti akka makaman taasifamuu eereera.

Marsaa 3ffaan ammoo namoonni leenjii haaromsaa fudhachaa jiran kumni 1 fi 692 gara hawaasatti akka makamaniif qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu marii ajajicha waliin taasifameen hubachuu himeera.
Gama biroon haala qabatamaa naannichi yeroo ammaa keessa jiru ilaalchisee qajeelcha waliigalaa Ajaja Labsii yeroo ariifachiisaa waliin marii taasisuu ibseera.

Marii taasiifameenis naannichi yeroo ammaa haala gaariirra jiraachuu hubachuu danda’uu eereera.

Boordichi yeroo itti aanus naannawaa garaagaraatti daawwannaa taasisuu kan itti fufu ta’uu ibsa kennuun himeera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment