Finfinnee, Gurraandhala 9, 2014 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa paartileen siyaasaa yaa’ii waliigalaa gaggeessuun sanadoota fooyya’uu qaban fooyyeessuun yeroo baatii 1 hin caalle keessatti akka dhiyeessan hubachiiseera.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa waltajjii paartilee siyaasaa waliin Sadaasa 23, 2014 gaggeesseen akkaataa labsii lakkoofsa 1162/11 fi qajeelfama lakkoofsa 3/2011 filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaa erga xumuramee paartileen labsiin yeroo ariifachiisaa ka’ee yeroo baatii tokko hin caalle keessatti yaa’ii waliigalaa gaggeessuun sanadoota fooyya’uu qaban fooyyessuun boordichaaf akka galchan wayita marichaa paartileef ibsa taasiiseera.
Haaluma kanaan Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa guyyaa kaleessaa labsiin yeroo ariifachiisaa akka ka’u murteessuu hordofee paartileen maqaan isaanii argamaan gaditti tarreeffamaan yaa’ii waliigalaa gaggeessuun sanadoota barbaachisoo fooyya’uu qaban fooyyeessuun yeroo baatii 1 hin caalle keessatti boordichaaf akka galchan hubachiiseera.
1. Paartii warraaqsa Bilisummaa Oromoo
2. Paartii Bilisummaa Ityoophiyaa
3. Paartii Hawaasummaa Diimookiraatwaa Ityoophiyaa
4. Paartii Bilisummaa fi walqixxummaa
5. Paartii Kongireensii Federaalawaa Oromoo
6. Paartii dhaloota haaraa
7. Dhaabbata tokkummaa guutuu Ityoophiyaa
8. Paartii Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen
9. Paartii Badhaadhinaa
10. Paartii Warraqsa Ummattoota Ityoophiyaa
11. Adda Bilisummaa Oromoo
12. Paartii Diimookiraatawa Hibir Ityoophiyaa
13. Paartii warraqsa Biyyaalessa Amaaraa
fi Paartileen sadarkaa naannolee 13 yaa‘ii waliigalaa gaggeessuun sanadoota barbaachisoo fooyya’uu qaban fooyyeessuun yeroo baatii 1 hin caalle keessatti boordichaaf akka galchan hubachiiseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.