Boordichi Paartilee morkattootaa waliin marii taasiisaa jira

Finfinnee, Muddee 25, 2014 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyaaleessa dhimmoota garaagaraarratti Paartilee siyaasaa waliin marii gaggeessaa jira.
Marii kanarratti dura teessuu Boordii Filannoo Biyaaleessa Birtukaan Miidhagsaa dabalatee miseensoonni paartilee siyaasaa garaagaraa argamaniiru jedhame.
Qajeelfama deeggarsa maallaqaa mootummaan paartilee siyaasaaf taasisu murteesuuf ba’e, Baay’ina miseensoota dubartootaa fi miseensoota qaama midhamttoota paartiilee Siyaasa, akkasumas ragaa sirrii baay’ina gaggeesitoota qaama midhamtoota paartiilee siyaasa ilaalchisuun yaada qophaa’e irratti marii taasiisaa jiraachuu ibsameera.
Lammiileen yaada isaanii bilisaan akka ibsatan hubannoo isaanii cimsuu fi hojmaata ijaarsa diimookiraasii hammataa ta’e dagaagsuuf, hirmaannaa dubartootaa fi qaama miidhamtootaa guddisuuf deeggarsa taasiifamu ta’uu ibsameera.
Qajeelfamni kun Paartilee siyaasaa biyyaalessaa fi naannolee Boordichi beekkamtii seeraa laateef hunda biratti hojiirra kan eelu ta’uu marichaan ibsameera.
Deeggarsi maallaqaa laatamu loogii malee qixa kan qooddamu ta’uus eerameera.
Yisimaa Adaraatu gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment