Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC) – Boordiin qorannoo labsii yeroo ariifachiisaa naannoo Sidaamaa kutaa bulchiinsa magaalotaa fi aanaalee garaagaraatti hojiirra oolmaa labsichaa ilaalchisee daawwannaa dirree taasisuu ibsame.
Boordichi Giddu kutaalee magaalaa fi naannawaa hara Hawaasaa ,aanaa Shabadiinoo magaalaa Lakkuu fi aanaa Daallee magaalaa Yirgaalemitti argamuun raawwii labsichaa fi qaabiinsa mirga shakkamtootaa daawwateera.
Walitti qabaan boordichaa obbo Lammaa Tasammaan kaayyoo daawwanichaa fi bakki namoota labsicha hin kabajneen shakkamanii to’annaa jala oolanii adda ba’uu ibsaniiru.
Daawwannichaan hoggantoota qaamolee nageenyaa sadarkaan jiranii fi shakkamtoota waliin dhimmoota qabiinsa mirga namoomaa, dhiyeessii nyaataa, bishaanii fi qulqullinaarratti kopha kophaan mari’achuu ibsameera.
Xumura daawwannichaan hoggantoota qaamolee nageenyaa sadarkaan jiraniif yaadota gaarii fi fooyya’uu qaban adda baasuun duub-deebii kennuu ibsameera.
Aanaalee fi kutaalee magaalichaatti qabiinsa namoomaa ilaalchisee komiin dhiyaate kan hin jirre ta’uu fi shakkamtootaaf tajaajilli dhiyeessii nyaataa, bishanii fi qulqullinaa dhiyaachaa jiraachuu obbo Lammaan ibsuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.