Finfinnee, Hagayya 17, 2013 (FBC)-Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Ityoophiyaa naannolee filannoo Waxabajjii 14, 2013 sagaleen itti hin laatamneerratti paartiilee siyaasa dorgoman waalin marii taasiseen guyyaatti sagaleen laatamu ifoomseera.
Naannoowwan filannoo itti gaggeeffamnee adeemsa filannoo yeroo itti aanuu nageenyaa waliigala naannoolee kanneenii fi haala qabatama tilmamaa keessaa galchuun odeeffannoo baldhaa kan laatee yoo ta’u, boordiichi filannoo gaggeessuuf iddoowwan haala mijataa qaban adda baasee dhiyeesseera.
Mariisa boodas gabatee yeroo filannoo dabalatee murteewwan itti aanaa murteesseera.
Kanaafis naannolee filannoo Waxabajjii 14, 2013 filannoon itti hin gaggeeffamnee Fulbaanaa 20, 2013 akka gaggeeffamuu murteessera.
Naannoo Somaalee, Hararii fi Kibbaatti sagaleen kan laatamuu ta’uu ibsuun, murtoon uummattoota Kibbaa Lixaa Ityoophiyaa guyyumaa walfakkatuu Fulbaanaa 20, 2014 kan gaggeeffamuu ni ta’a.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.