Boordichi murtoo Ummataa Naannoo Kibbaatti gaggeeffamuuf baajata Birrii miiliyoona 541.2 gaafate

Finfinnee, Fulbaana 11, 2015 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyaalesaa Murtoo Ummataa naannoo Ummattoota Kibbaatti gaggeeffamu raawwachiisuuf baajata Birrii miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 41 fi kuma dhibba 2 ol Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeesseera.

Godinaaleen naannoo Kibbaa 6 fi aanaaleen addaa 5 naannoo akka ta’an murtoo ummataa gaggeessuuf murteen darbuun ni yaadatama.

Godinaalee fi aanaaleen addaa kunneen murtoo ummataan akka gurmaa’an Manni Maree Federeeshinii Xaalayaa Hagayya 12, 2014 barreesseen kan gaafate yoo ta’u, bu’uuruma kanaan murtoon Ummataa akka gaggeeffamuuf boordichi sagantaa isaa qopheessuun dhiyeesseera.

Sagantaalee kanneen raawwachiisuuf baajata barbaachisu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa gaafateera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment