Boordichi murtee ummataa Naannoo Kibbaatti gaggeeffamuuf qophii xumuruu ibse

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2015 (FBC)– Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Naannoo Kibbaa godinaalee ja’aa fi aanaalee addaa shanitti murtee ummataa gaggeeffamuuf qophii barbaachisaa taasisuu beeksiseera.

Walitti Qabduun Boordichaa Burtukaan Miidhagsaa ibsa kennaniin, boordichi murtee ummataa raawwachiisuuf baajata gaafatee Birriin Miiliyoonaa 541.3 keessaa Birrii miiliyoonni 410.1 akka eeyyamameef dubbataniiru.

Boordichi godinaalee fi aanaalee aaddaatti waajjiraalee murtee ummataa raawwachiisan 36 banuun Fulbaana keessa bulchiinsaa naannawaaf beeksisanis, Godinni Gaamoo qofaati deebii kennuu fi magaalaa Arbaamincittis waajjirri qindeessaa murtee ummataa banamuu kaasaniiru.

Murteen ummataa Onkololeessa 29, 2015 akka gaggeeffamuu fi sagantaa yeroo raawwii murtee ummataa ba’e boordichi kaleessa raggaasisuun eerameera.

Balaay Tafaayeetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment