Boordichi kaffaltii tajaajila paatilee siyaasaa fooyyessuu beeksise

Finfinnee Onkololeessa 12, 2017 (FBC)- Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaa galmee paartilee siyaasaa, beekkamtii guutuu fi fooyyessa sanadaa irratti hamma kaffaltii tajaajilaa fooyyessuu beeksise.

Boordichi ibsa baaseen, Labsii Naamusaa fi Galmee Paartilee Siyaasaa lakkoofsa 1162/2011 ergaa hojiirra ooluu eegalee hanga ammaatti kaffaltiin galmee waraqaa ragaa yeroo paartilee siyaasaa naannolee fi biyyaalessaaf Birrii 100 akka ture yaadachiiseera.

Akkasumas beekkamtii guutuuf Birrii 200 fi fooyyessa sanadaaf Birrii 30 akka ture eereera.

Haaluma kanaan boordichi Onkololeessa 11, 2017 eegalee, kaffaltii beekkamtii yeroof Birrii kuma 15, beekkamtii guutuuf Birri kuma 30, sanada fooyyessuuf ammoo Birrii kuma 5tti fooyyessuu beeksiseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment