Boordichi gabaasa qoranno galmee Filannoo naannoo Somaaleetti gaggeessa paartilee siyaasaaf dhiyeesse

Finfinnee, Hagayya 12, 2013 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa qorannoo galmee filattootaa naannoo Somaaleetti gaggeeffame ilaalchisee gabaasa qorannoo paartilee siyaasaaf dhiyeesseera.
Waltajjirratti Walitti qabduu Boordii Filannoo biyyaalessaa Birtukaan Miidhaksaa dabalatee hoggantoonni boordichaa argamaniiru.
Waltajjicharratti komii dhiyaateen waliin namoota kallattiin hidhata qaban af gaaffii taasiisuun, daawwannaa, odeeffannoon hawaasa naannichaarraa walitti qabamee, ragaa Suuraa fi sanadaa fayyadamuun gabaasni qindaa’e dhiyaateera.
Paartileen maricharratti argaman komii dhiyeessanii fi murtoo Boordicharraa eegamu ilaalchisee gaaffii dhiyeessaniiru.
Bu’ura gaaffii dhiyaateen boordiin gabaasa koree qulqulleessituu paartileef dhiyeessuu hordofee murtoo isaa paartilee morkattootaaf kan dhiyeessu ta’uu ragaan Boordicharraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment