Finfinnee, Mudde 22, 2017 (FMC)- Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Addi Bilisummaa Ummata Tigraayi (ABUT) yaa’ii waliigalaa akka gaggeessuu hubachiiseera.
ABUT bu’uura labsii lakkoofsa 1332/2016 Labsii Naamusa Filannoo fi Galmee Paartiilee Siyaasaa Filannoo Itiyoophiyaa fooyyessuuf ba’een haala addaan galmaa’uun ni yaadatama.
Haaluma kanaan paartichi guyyaa haalaa addaan galma’ee Hagayya 3, 2016 eegalee yeroon yaa’ii waliigalaa gaggeessuu isaa xumuramuuf baatii lamaa gadi hafuu beeksiseera.
Paartichi dhimmichaaf xiyyeeffannaa kennuun, labsicha raawwachiisuuf qajeelfama ba’ee fi xalayaa boordichi Hagayyaa 3, 2016 irraa eegalee yeroo garaagaraatti barreesse irratti murtee kenname kabajuun yaa’icha yeroo gabaabaa keessatti akka gaggeessu hubachiiseera.
Kunis dirqama seeraan paarticharra kaa’ame yeroon utuu hinraawwachiisin yoo hafe boordichi seericha bu’uureffachuun murtee barbaachisaa kan kennu ta’uu beeksiseera.
#Oromia #Ethiopia