Finfinnee, Bitootessa 18, 2015 (FBC)-Godina Booranaattilafa hektaara kuma 105 fi 115 sanyiin uwwisuuf karoorfamee hojjetama jiruun hanga ammaatti lafti hektaarri kumni 47 sanyiin uwwifamuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.
Ittaanaan Itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa Godina Booranaa Obbo Jaarsoo Qancoorro akka ibsanitti, godinichatti Aanaalee haala mijataa qonnaa qaban keessatti qamadii hektaara kuma 10 hojjachuuf karoorfame keessaa lafa hektaarri saddeet qopheeffamuu ibsaniiru.
Haalum kanaan yeroo ammaa lafa hektaara kuma 2 fi 67 qamadiin facaafamaa jira jedhan.
Karoora misooma qonnaan qabamee hojjatamaa jiru milkeessuuf Biroon Qonnaa Oromiyaa sanyii, xaa’oo fi Sangaa bilisaan deeggarsaa taasisaa jiraachuun eerameera.
Sadarkaa Godinaatti tiraaktaroota pirojektootaa,waldaalee fi namootan dhunfaa gurmeessuun hojiitti galchaa jiraachuu Bulchaan Godina Booranaa Obbo Abdisalaam Waariyoo himuu ragaan Kominikeeshinii Godina Booranaarraa argame ni mul’isa.
gama biraatiin, lafa dheedumsaa hektaara kuma 110 daangeessuun marga irra facaasuun misoomsaa jiraachuu ibsaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.