Booranatti Beelladoota miiliyoona 4 oliif talaalliin kennamuu eegale

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2016 (FBC) – Godina Booranaatti Beelladoota miiliyoona 4 oliif talaalliin kennamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksiseera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa godinichaa Obbo Jallaa Dullaachaa, bu’aa horiirraa argamu guddisuuf qindoomina Dhaabbata VSF Jarmaniin aanaalee godinichaa hundatti talaalliin dhibeewwaan sombeessaa, sillisaa, cirmalee horii qeencaa Loon, Re’ee, Hoolaa, Gaalaafi kottee duudaa Harree, Gaangeefi Fardaaf waliigalaan horii miliyoona 4.2 kennamu eegaluu himaniiru.

Dhaabbata VSF Jarmanii damee Booranaa Obbo Jaatanii Annaa dhaabbanni isaanii Waajjiraalee Mootummaa waliin qindaa’uun aanaalee Godina Booranaafi Boorana Bahaa 6 keessatti horii kuma 835f qoricha doozii kuma 700 qarshii miliyoona tokko1fi kuma 200n dhiyeessuun talaalliin kennamaa jiraachuu dubbatan.

Godinichatti jireenya horsiisee bultootaa Hongee deddeebi’aan miidhamaa ture tarsiimoo tarkaanfii haaraa gama qonnaafi horsiisaan mootummaan baasee hojjachaa jiruun kunuunsi lafa dheedumsaa, bishaaniifi talaalliin horii kennamaa jiraachuu Bulchaa Itti Aanaan Godina Booranaa Obbo Bariisoo Gannoo himan.

Hawaasi horsiisee bulaa horiisaa hunda eddoo talaallii geeffachuun talaalchifachuu akka qabu Obbo Bariisoon dhaamuu ragaan Kominikeeshinii Godina Booranaarraa argame mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment