Boorana Bahaatti oomishni Qonna Arfaasaa walitti qabamaa jira

Finfinnee, Adoolessa 14, 2015 (FBC)- Godina Boorana Bahaatti Qonna Arfaasaatiin misoomee walitti qabamaa jiraachuun eerame.

Godinichaatti Qonna Arfaasaa baranaan lafti heektaarri kuma 111 fi 754 sanyiilee garaagaraan uwwifamuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Boorana Bahaa Obbo Masqaluu Tulluu himaniiru.

Lafa misoome kana irraa omishni kuntaala miiliyoona 2.3 kan eeggamu ta’uu himaniiru.

Hanga ammaattis lafti heektaara kuma 49 ol irraa oomishni kan walitti qabamee fi oomishni kuntaalli miiliyoona 1.1 ta’u argamuu eeruu isaanii ragaan kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment