Finfinnee, Hagayya 25, 2016 (FBC)-Booqaa Birraa Araaraa fi Nagaa Oromoo Deebisuun Haaqeeballu jedhan Pireezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa naannoo oromiyaa Shimallis Abdiisaan.
Pireezidanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin Mootummaan Naannoo Oromiyaa, birraa bari’aa jirutti araaraa milkeessuu fi nagaa buusuuf ejjannoo hinreeqqifne kan qabu ta’uu mirkaneessaniiru.
Guutuun ergaa isaanii akka ittaanutti dhiyaateera.
Jala bultiin kabaja ayyaana ulfoo Ummata Oromoo, Irreecha bara 2017 kun, yeroo waan dabarsine deebisnee itti xiinxalluufi haaromsaa itti adeemsisnu ta’uu qaba.
Ayyaana ulfoo kabajuuf deemnu kanatti, ummata keenyaaf nagaan isaa haadeebi’u; tokkummaan isaa haa ititu; egereen isaa walhubannoofi abdiin, akkasumas imala badhaadhinaatiin haatarkaanfatu.
Ummanni Oromoo saba qabeenya dilbii, seenaa qaroominaa, duudhaa dimokraatawaa fakkeenyummaa sirna Gadaatiin beekamuufi madda nagaa waaraa ture.
Haata’uuti cabiinsa adeemsa seenaa keessa isa qunnameen, horteewwaan eenyummaa isaa kunneen irraa mulqamee ture.
Kanaaniis, osoo qabuu akka dhabaatti, abbaa ogummaa ta’ee akka dhankaakatti, danda’aa ta’ee akka naafatti, arjaa gootawwanii ta’ee akka doqnaatti, biyya miixatee ijaare keessatti akka ormaatti, aarsaa qaaliin biyya tiksee akka humna diigumsaafii gantuutti ilaalameera; irrattis duulameera.
Dhidhima kana keessaa bahuun laayyoo hinturre; qabsoo sabaa sadarkaa har’a irra jiruun gahuuf adeemsa hadhooftuu ilmaan kumaa kitilli itti gabbare ta’uu eenyumtuu dhawataaf dagachuu hinqabu.
Qabsoo imala nuffisiisaa ummanni keenya lufee asgahe kana hubachuun, kaayyoo qabsoo isaa sirnaan taliguun, gulantaa qabsoon irra gahe, akkasumas akeeka egeree isaa ifatti beekuun dhimma murteessodha.
Qabsoon ummata Oromoo fedhii addaa olaantummaaf foolatu, mirga addaa qophaatti goonfatu, ummattoota obbolaa moggeessu ykn biyya miidhu hinqabu.
Haata’uutii, duula hamaa keessa darbuuf kan dirqame, mirga abbaa biyyummaa mulqame, bilisummaa, misoomaafi obbolummaa dhugaa sababa gaafateefidha.
Gama biraatiin gulantaan qabsoo sabaa adeemsa dheera kana booda amma maaliirra akka jiru haalan hubachuufi shallaguu nufeesisa.
Ija kanaan yoo ilaalamu, qabsoon Oromoo gulantaa haaraatti cehuun kaayyoowwan akka sabaatti qabu qofa osoo hintaane, kanneen akka biyyaatti ummattoota hafan waliin qooddatu deebisuu jalqabeera.
Kana kan jennu ragaa ashaaraa qabatamaa qabaneeti. Qabsoon ummata keenyaa, kaayyoo qaama eenyummaa isaa haqanqaaluun, aadaafi duudhaa isaa ciqilee, mirga of ta’uu isaa sarbaa turerraa bilisoomee jira.
Qabsoon mirga abbaa biyyummaa akkasumas mirga siyaasaa, hoggansa dinagdee isaa irratti dhabee ture deebifachuuf, saamicha qabeenya isaarratti taasifamaa ture hambisuuf taasisaa ture milkaa’era.
Qabsoon sabaa rincicummaa keessa kan gale ummatichi chichoominaafi jagnummaa dhabee osoo hintaane, hoggansa tarkaanfataa qabsoo tarsiimessee qajeelchu addatti dhaburraa kan ka’e ture.
Kun qabsoon keenya kurnee hedduuf galma malee akka gandhaalu taasiseera.
Haata’uutii, qabsoon kun gulantaa cabiinsa gama hoggansaatiin baroota dheeraaf akka sabaatti qofa osoo hintaane akka biyyaatti mudatee ture hoggansa tarsiima’aa baasuun hiikutti ceheera.
Borumtii hoggansi qabsoon Oromoo fardaaf lafoon barbaadaa ture argame, kaayyoo akka sabaatti qabsaa’amaafi ture taraaruu irraa darbee, hudhaawwaan akka biyyaatti turan furuutti tarkaanfateera.
Yeroo ammaatti, gulantaan qabsoo sabaa, dandeettii mirga eenyummaa, dinagdeefi siyaasaa goonfatame gochaan lafa qabsiisuuf taasifamu dabaluu irratti kan fuulleffatu ta’ee, “dhaloota (saayinsiifi teknoolojiin) dorgomaa ta’e baasuu, ummata dinagdeen humnoome umuufi, sirna ummataawaa cimaa ta’e ijaaruun” kan ibsamuudha.
Hoggansi dhala gadameessa qabsoo Oromoo ta’e kun, gulantaa qabsoo kana hubatee kan socho’aa jiru ta’uu, tarkaanfilee qabatamaa muraasa kaasuun argisiisuu nidanda’ama.
Inisheetivii ashaara magariisatiin, naannoofi biyya qaaniin qullaa dhaabbachuu laafise duudhaa ganamaatti araarsaa, beekamtii idil-addunyaa itti horaafi waarroo kabajaa itti uwwisaa jiru.
Biyyaa seenaa kadhattummaa qamadiin dugugguruun cabe, waggaa muraasa keessatti galaana qamadii dambaliisuu taasisaa jira.
Biyya raaree siyaasa walgaarreffannaafi waldhabamsiisuun aadaa ta’e keessatti, maraamartoo akkasii kutuun kabaja Looreetii Nagaa Addunyaa itti uwwiseedha.
Gama biraatiin kaayyoo qabsoo itti aanu hubachuun, ija garaagarummaa keenya ittiin ibsinuufi ittiin hiikuu qabnu kan akeekuudha.
Yeroo kaayyowwan qabsoo kaleessaa daandii milkaa’inaa qabatanii fuulleffannaa egeree sabaa sararuu eegalan kanatti, garaagarummaan humnoota siyaasaa keenya gidduutti umamuu qabu, imaammataafi tarsiimoo akkamii hordofuu qabna? Ariitii, baay’inaafi qulqullina hagam gahuun yoo hogganaman bakka barbaadame gahama? kanneen jedhan irratti ta’uu osoo qabuu, afaan qawweetti dhimma bahuun furuuf yaaluun, hiree argame qisaasuufi egeree sabaa balaaf saaxiluudha.
Wanti gaddisiisaan garuu, humni aramaa gulantaa qabsoon Oromoo irra gahe hinhubanne yeroo kanatti nukeessatti biqiluu isaati.
Humni naamusaafi kaayyoo sabaa hin qabne kun, mirgoota murteessoo ummanni Oromoo qabsoo kumaa kitila gaafateen goonfatee jalaa sarbuu irratti argama.
Humni jeequmsaa kun dhaloota Oromootti dhimmisaa jira; safuu, duudhaafi eenyummaa hawaasaatti balaa ta’ee jira; pirojektoota ummataatti danqaa, sochii misoomatti takallaa ta’ee jira.
Bara silaa ummanni Oromoo barnoota dhimma ijoo taasisuu qabutti, mana barnootaa bu’aa qabsoo isaa ta’eefi ijoolleen isaa itti qaramtu gubuun, ijoollee manni barumsaa jalaa gubatee gaaddisatti barachuuf yaatutti dhukaasanii ajjeessuun kaayyoo Oromoo kam iticha?
Ijoollee durbaa adamsuun, daa’immaanitti yaaddoo hamaa ta’uun, manguddoofi hawween salphisuun, hawaasa saamuun aantummaafi bilisummaa isa kami?
Yeroo ummanni Oromoo dhibeewwan kamiinuu mankaraaruu hinqabnetti, ambulaansii lubbuu deessuu oolchuuf barariitu haadha ciniinsuun itti hammaate waliin gubuun, ummata tajaajila fayyaa kamuu irraa muruun, dhukkubni salphoo cufti itti hammaatee lubbuun akka galaafatamu saaxiluun kaayyoo kam milkeessa?
Qote bulaa hiraarsuun, daldalaa gufachiisuun, haalaa yaraa dandeettii hojjechuu ummataa kuffisu, galii isa dhaabsiisuu, akkasumas dinagdee rakkoon nageenyaafi tasgabbii booreessuufi dandeettii egeree isaa guddachaa deemu ijaaruuf qabu jalaa gufachiisuun akkamiin kaayyoo ganamaa saba keenyaa ta’aa?
Sabbata haadha hiyyeessaa hiikaa haawwan Oromoo dhiiga boossisuun akkamiin qabsoo Oromoo jabeessaa?
Garaagarummaa adeemsaa, karaa nagaa ilaalamuu danda’u, akkaataa miira wal-amantaa ajjeesuufi tokkummaa sabaa diigun tarkaanfachiisanii, qe’ee isaa lafa sodaa, mancaatii, gadadoo, beelaa, buqqaatii du’aafi tuulaa reeffaa taasisuun madaallii maalittiin qabsoo sabaa ta’aa?
Gareen kun kanarra darbee, ummata keenya irraa hidhannoo saamee, gurmaa’insa isaa bittinseefi sodaa itti naqee goola finxaaleyyiitiif mijeessaa jira.
Gocha gantummaa kana kan hammeessu ammoo, gama tokkoon gaafa finxaaleyyiin ummata inni hidhannoo irraa mulqetti haleellaa bantu, bira dhaabbachuurra lubbuu ofii oolchuuf irraa dheessuu isaa yoota’u, gama biraatiin humna nageenyaa ummata inni diinaf saaxile kanaaf birmachuuf socho’u waraanuu isaati.
Kaayyoon qabsoo kamuu, akkamitti nagaan oltee bultee qe’ee Oromootii gadi ta’uu dhabee?
Raawwiileen kunneen, gulantaa qabsoon sabaa irra jiru wallaaluu qofa osoo hintaane, faallaa kaayyoo qabsoo isaati.
Humni kun humna gantuu beekudhaaniis ta’ee wallaalummaan ergama diinota qabsoo ummata keenyaa, kaleessaa hanga har’aatti hadheeffatanii takalan fudhate kan jennu kanaafi.
Mootummaan FDRI’fi naannoo keenyaa, badiiwwaan kana hunda boodallee, garaagarummaa garichi badii kanaaf akka sababaatti dhiyeessu hunda kutannoo karaa nagaa furuuf qaban ibsa ijjennoo baasuu qofaan osoo hintaane, marii nagaa marsaa adda addaa mijeessuun mirkaneessanii jiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, murannoo boqonnaa badiifi salphinaa kana cufuuf qabu, hidhattoota kumaatamaan lakkaa’aman, waamicha nagaa mootummaafi qooda fudhattootaa fudhachuun karaa nagaa galaniif simannaa kabaja olaanaa qabu taasisuun mirkaneessaa jira.
Dabalataaniis, tooftaa quuqa tokko malee hawaasatti ittiin makaman, jiruufi jireenya isaanii deebisanii ittiin gadi dhaaban, akkasumas siyaasa isaanii karaa nagaa ittiin tarkaanfachiisuu danda’an guutumatti qopheessuun, kutannoo daandii nagaatiif qabu muldhisaa jira.
Haata’u malee, murni kabaja hojii isaatiin hin horanneefi bilisaan kennameef baachuun itti ulfaatefi hamma gahu of-hinbeekne, carraa kennameef ofirraa dhiibee badii ummata irratti taasisu itti fufuun nagaa ummataa danqaa jira.
Humna carraa nagaa kennameef hunda dhiibee dararaa ummata irraan gahu itti fufaa jiru irratti mootummaan tarkaanfi olaantummaa seeraa kabachiisuu cimsee kan itti fufu ta’us, ammas garaagarummaan jiru karaa nagaa qofa hiikkachuu akka qabuufi hiikkachuus kan danda’u ta’uu amanna.
Kanaaf, nagaa waaraa ummata keenyaf malu, aantummaafi mararfannaa hawaasa keenyaf qabnuu jecha, gareen hidhatee bosonatti hafe kun daandii nagaa fudhatee karaa nagaa akka qabsaa’ufi galu, har’as irra deebiin maqaa ummata Oromoo, maqaa kiyyaafi, maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin waamicha nagaa dhiyeessaf.
Garaagarummaan kun karaa nagaa hiikkachuu qaba, hiikkachuus danda’a kan jennu sababa malee miti.
Tokkoffaa, misooma ummataa danquun, dorgommii qaqqabummaafi to’annoo qabeenya hortee misoomaa murtaa’aaf taasifamu hammeessuun waldhabdee jiru yoo baldhise malee kan furu waan hintaaneefi.
Garaagarummaa jiru guutummatti furuu baannullee, yooxiqqaate, imaammataafi tarsiimoo misooma ummataatti ceesisuu yoodandeenye, dilbiifi dandeettii Oromiyaa ifatti hubachuun abdiin socho’uuf carraa kan argannu ta’a.
Waldhabdee sochii ummataafi misooma isaa danqaa jiru karaa nagaa, minjaalatti fiduu yoodandeenye, ummanni Oromoo qabeenya umamaa baldhaafi hambaalee aadaa badhaadhoo qabu tasgabbaa’ee misoomsuuf, bu’aa misooma isaarraa fayyadamuuf, akkasumas gara tokkummaafi badhaadhinaatti cehuuf carraa kan argatu ta’a.
Lammaffaa Oromoon ummata aadaa, duudhaafi eenyummaa isaaf dhiibbaa jalatti amanameefi kunuunsee asiin gaheedha.
Qajeeltoowwan akka nagaa, tokkummaafi haqaa sirna Gadaa keessatti hammataman, seenaa keessatti waldhabdee hiikuu, araara buusuufi nagaa waaressu irratti nuqajeelchaa turaniiru; har’as imala keenyaaf murteessaa ta’anii itti fufuu kan qabaniidha.
Har’as taanaan, rakkoo nageenyaa naannoo keenya mudate furuuf duudhaalee kanneenitti dhimma bahuun nidanda’ama.
Hunda dura, qajeeltoowwan duudhaa ulfoo ummatichaa irraa maddan kanneen osoo hinkabajin ummatichaafan qabsaa’a jechuun dhara hin dhokanneedha.
Furmaata beekumsa jiraa ummata keenyaa irraa maddu harkatti baannee, fujunjuluun wal-ajjeesuun salphina guddaadha.
Walumaagalatti, gulantaa qabsoon sabaa amma irra jiru hubachuun, garaagarummaa jiru afaan qawwee caala, fillannoo nagaa fudhachuuf haal-dureedha.
Garaagarummaa siyaasaa karaa nagaa furuun guddina waloofi egeree saba keenyaf karaa filannoo wayyu hinqabne.
Rakkoo jiru hidhannoon osoo hintaane marii irratti xiyyeeffachuun, kaayyoo waloofi qormaatilee jiranirra aanuuf gurmuun hojjechuun filannoo keenya isa dhumaati.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, birraa bari’aa jirutti araaraa milkeessufi nagaa buusuun ummanni isaa yaaddoo keessaa akka bahu, ijoolleen isaa gara mana barnootaa akka deebi’an, daa’immaniif hawween akka haara galfatan, dargaggeeyyiin ogummaa isaanii akka kalaqan, qote bulaan sodaa malee akka omishatu, dandiiwwan dhaabbilee tajaajilootaa akka banaman, qilleensifi dacheen Oromiyaa sagalee dhukaasaa, baqannaafi ajjeechaa irraa akka boqottu, karaan nagaa kilo meetira 1000 kan fagaatu yoota’e, kilo meetira 999.99 deemee milkeessuuf ijjannoo hinreeqqifne kan qabu ta’uu irra deebiin kanan mirkaneessu ta’a.
Ammas nuffa malee, jala bultii kabaja ayyaana Irreechaa bara 2017 kanatti, hawwii nagaa, tokkummaafi badhaadhina ummata keenyaaf qabu ibsuun barbaada.
Araara tokkummaafi nageenya ummata keenyaa deebisee ittichu, abdii waliinii egeree keenya caalmaatti ibsu dhugoomsuun waliigallee, waliin taanee akka fuulduratti tarkaanfannu, maqaa nageenyafi misooma ummata Oromoo, akkasumas maqaa kiyyaafii maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin waamicha isiniif dhiyeessa.
Booqaa Birraa, Araarafi Nagaa Oromoo Deebisuun Haaqeeballu!
#Oromia #Ethiopia