Boongaatti ijaarsa mana kitaaba “Dhaloota Ida’amuuf” dhagaan bu’uura kaa’ame

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Naannoo Ummatoota Kibba Lixaa Itiyoophiyaa Dooktar Injiinar Nagaash Wageeshoon Magaalaa Boongaatti ijaarsa Mana kitaaba “Dhaloota Ida’amuuf” dhagaa bu’uura kaa’aniiru.

Injiinar Nagaash saganticharratti hasawaa taasisaniin, sadarkaa naannichatti manni kitaabichaa galii gurgurtaa Kitaaba Dhaloota Ida’amuurraa argame Birrii miiliyoona 40 oliin kan ijaaramu ta’uu ibsaniiru.

Mana Kitaabichaas yeroo qabameef keessatti ijaaramee akka xumuramuuf deeggarsi barbaachisaan kan taasifamu ta’uun ibsamuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment