Boombiin dho’uun daa’imman maatii tokkoo 3 dabalatee lubbuu namoota 4 galaafate

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2015 (FBC)- Magaalaa Shaashamanneetti Boombiin balfa keessaatti gatame dho’uun daa’imman maatii tokkoo 3 dabalatee lubbuu namoota 4 galaafachuun ibsame.

Daa’immaan lubbuun isaanii darbe kunis hojii meeshaalee faayidaan ala ta’an walitti qabuurratti kan bobba’an ta’uun eerameera.

Wayita meeshaalee gataman walitti qabanitti balfa keessaatti boombiin gatame dho’uun balichii qaqqabuun ibsameera.

Balaa kanaan daa’imman lama irra miidhaa salphaa fi cimaan qaqqabuu Waajjira Poolisii Magaalichaatti Qorataan Yakkaa Kutaa Magaalaa Haruufaa Inispeektar Kamaal Jeeylaan himuu OBN gabaaseera.

Daa’imman lubbuun isaanii darbe sadi miseensota maatii tokko ta’uun eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment