Boolee aanaa 1 keessaatti balaa ibiddaa qaqqabeen lubbuun namoota 4 darbe

Finfinnee, Fulbaana 30, 2013 (FBC)-Bulchiinsa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Boolee aanaa 1 bakka Boolee Mikaa’eel jedhamee beekamutti kaleessa galgala balaa ibiddaa qaqqabeen lubbuun namoota 4 yoo darbuu nama 1 irra ammoo balaa cimaan qaqqabeera.

Balaan ibiddicha iddoo biraatti akka hin qabanneef hojjeettoota Komiishini Hoggansa Soda Balaa magaalichaan to’annaa jalaa oolu ibsameera.

Ka’uumsa balichaa fi miidhaa qabeenyaarra ga’ee adda baasuuf poolisiin qaama dhimmi ilaallatu waliin qorannoo gaggeessa jirachuu ibsameera.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnees lubbuu darbeef fi balaa qaqqabeef gadda itti dhaga’amee ibseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment