Boba’aan seeraan ala geejjibsiifamaa ture Baarmeelli 54 to’atame

Finfinnee, Adoolessa 28, 2016 (FBC)-Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Sabbataa Awaasitti boba’aan seeraan ala dabarfamaa ture baarmeelli 54 to’atame.

Qajeelchi Poolisii Godinichaa konkolaata fe’umsaa Isuzu lamaan fe’amee boba’aa beenzilli baarmeela 54, Liitira kuma 11 ta’u fi Birrii kuma 913tti tilmaamamu to’atamuu beeksiseera.

Bo’aan seeraan alaa kunis Magaalaa Finfinneerraa gara Magaalaa Walisootti geejjibsiifamaa akka turee fi eeruu hawaasni kenneen poolisiin to’annoo jala oolchuun ibsameera.

Boba’aa geejjibsiifamaa ture dabalatee konkolaachistoonni lamas to’annoo jala oolfamuu ragaan Komishinii Poolisii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment