Boba’aan Barmeelli 30 karaa seeraan alaa biyyaa ba’uuf ture to’atame

Finfinnee, Amajjii 29, 2016 (FBC) – Boba’aan Barmeelli 30 karaa seeraan alaa biyyaa ba’uuf ture konkolaataa waliin to’atamuu ibsame.

Bobaa’aan kun Naannoo Somaalee Godina Afdheeraa ka’uun gara Somaaliyaa Juubaalaanditti ce’uuf waayita socho’aa jiru Miseensoota Raayyaa Ittisaa dirqamarra jiraniin to’atamuu ragaan fuula Raayyaaaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Comments (0)
Add Comment