Boba’aa seeraan ala raabsamu to’achuuf tarkaanfii fudhatamu cimee itti fufa-MDWHN

Boba’aa seeraan ala raabsamu to’achuuf tarkaanfii fudhatamu cimee itti fufa-MDWHN

Finfinnee, Guraandhala 17, 2017 (FMC) –Boba’aa seeraan ala raabsamu to’achuuf tarkaanfii fudhatamu cimee kan itti fufu ta’uu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen ibsan.

Dooktar Kaasahuun Goofeen dhiyeessiifi raabsaa boba’aa irratti abbootii qabeenyaa fi qondaaltota kubbaaniyyaa boba’aa waliin mari’ataniiru.

Hanqinoota kubbaaniyyaa, raabsitootaafi mootummaa bira jiru irratti mari’achuu Dooktar Kaasahuun ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.

Mootummaan baatiwwan muraasa darban qofa Doolaara biiliyoonaan lakkaa’amu baasuun boba’aa alaa galchuu kaasanii, boba’aa haala kanaan gale qaamni kamuu akka barbaade gochuu hin qabu jedhan.

Kubbaaniyyaawwan hojii seeraan alaa irratti hirmaatan dafanii seeratti akka deebi’an hubachiisuu kan ibsan Dooktar Kaasahuun, odeeffannoo gahaa qorannoon mirkanaa’e irratti hundaa’uun tarkaanfiin boba’aa seeraan ala, raabsamu dhaabuuf jalqabame cimee kan itti fufu ta’uu kaasaniiru.

Dhimmi boba’aa dhimma ijoo uummata ilaallatu waan ta’eef mootummaan rakkoo kana furuuf labsii baasee hojiirra oolmaa isaaf qophii gahaa taasiseera jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment