Biyyoota Sahaaraa gadiitti dhimma Raawwachiisaan Jarman Barreessaa Olaanaa IGAD waliin mari’atan

Finfinnee, Eebla 16, 2015 (FBC) – Biyyoota Sahaaraa gadii fi naannawaa Sahiiliitti Daayrektarri Dhimma Alaa Jarman Kiristoof Reezilaf Barreessaa Olaanaa Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa Dooktar Warqinaa Gabayyoo waliin mari’ataniiru.

Dhimma Sudaan mudate ilaalchisee Mootummaa Ityoophiyaa, Gamtaa Afrikaa fi aanga’oota Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa waliin kan mari’atan ta’uu Kiristoof Reezilaaf fuula Tiwiitara isaaniin ibsaniiru.

Waraana Sudaanitti mudate saffisaan dhaabuuf qaamoleen lamaan walii galuun furmaata Siyaasaa akka barbaadan hubachiisaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment