Biyyoota guddachaa jiran jijjiirama qilleensaan miidhamaniif beenyaa kaffaluuf fandiin addaa ragga’e

Finfinnee, Sadaasa 11, 2015 (FBC) – Yaa’iin Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii faalama qilleensaa biyyoota Badhadhanirraa gadi lakkifamuun miidhaa biyyoota guddachaanirra ga’eef beenyaa kaffaluuf fandiin addaa akka hundaa’u murteesseera.

Yaa’iin Jijjiirama qabeenya qilleensaa magaalaa Bashanannaa Ijipti kan taate Shaarim El Sheekiitti gaggeeffamaa ture fandiin Addaa ‘Kisaaraa fi Miidhaa’jedhamu beenyaaf oolu akka hundaa’uu raggaasisuun xumurameera.

Fandiin addaa mormii bal’aa keessummeesse kun xumurarratti mormii cimaa biyyoonni guddachaa jiran dhiyeessaniin waliigalteerra ga’amuun ragga’uu danda’eera jedhame.

Fandiin kun akka hundaa’uu ragga’uun isaa kutaalee hawaasaa sababa jijjiirama qabeenya Qilleensaan lammiilee jireenyi, lubbuu fi aadaan isaanii miidhameef deeggaruuf tarkaanfii guddaa ta’uu Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniiyoo Guutareez dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment