Finfinnee, Guraandhala 20, 2015 (FBC)-Sanbataa fi Dilbataa biyyoota garaagraatti dorgommiiwwan Atileetiksii gaggeeffamaniin Atileetonni Ityoophiyaa injifataniiru.
Dorgommii Maaraatoonii Jaappaan Osaakaa irratti dubartootaan Heelan Baqqalaa fi Atileet Bayyanuu Daggafaa 1ffaa fi 2ffaa ba’uun yoo injifatan, dhiiraan Atileet Haayilamaariyaam Kiiroos injifateera.
Meeksiikootti fiigicha walakkaa maaraatoonii gaggeeffameen dhiirotaan Atileet Yaasiin Haajii yoo injifatuu dubartootaan ammo Atileet Hiiwoot Gabirakidaan injifatteetti.
Ameerikaa Magaalaa Atilaantaatti fiigicha walakkaa maaraatoonii gaggeeffamerratti, Atileeti Tsaggaayee Kidaanuu 1ffaan xumureera.
Dubartootaan ammoo Atileet Salaam Faxxanaa 3ffaan xumuruu TOI gabaaseera.
Haaluma walfakkaatuun Ispeenitti maaraatoonni Kaastil gaggeeffameen Atileet Daadhii Yaamii yoo injifatu, Atileet Lammii Duumechaa sadarkaa 2ffaan xumureera.
Dabalataan Xaaliyaaniitti fiigichaa walakkaa maaraatooni Naappoolitti gaggeeffamee Atileet Muktaar Idiriis kan injifate yoo ta’u, Israa’el Magaalaa Teelaviivitti fiigicha kiiloo meetira 10 gaggeeffameen ammo dubartootaan Atileet Yaalamgeex Yaaregaal injifachuu dandeesseetti.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.