Biyyoota garaagaraatti Ambaasaaddaroonni Ityoophiyaa bakka bu’an Humna Qilleensaa Ityoophiyaa daawwatan

Finfinnee, Mudde 13, 2015 (FBC) – Jijjiiramni Humni Qilleensaa Ityoophiyaa damee Teeknooloojii Ayiveeshiniin milkeesse guddina biyyaaf agarsiiftuu ta’uu ajajaa olaanaan dhaabbatichaa Leetanaan Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ibsan.

Leetanaal Jeneraal Yilmaan hojiilee Riifoormii dhaabbatichi mata duree ‘Biyya jabduuf Humna Qilleensaa Jabaa’ jedhuun waggoottan sadan darban keessa hojjete ilaalchisee Ambaasaaddaroota kanneeniif ibsa laataniiru.

Humni Qilleensaa Ityoophiyaan dandeettii Teeknooloojii fi Ijaarsa Dhaabbatichaan hojiileen milkeesse guddina biyyattiif agarsiiftuu tokko ta’uu Ambaasaaddaroonni daawwannicharratti hirmaatan ibsuu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment