Biyyoota galii gadi aanaa fi giddugaleessa qabaniif talaallii Covid – 19 qaqqabsiisuuf gamtaan Awrooppaa Yuuroo miiliyoona dhibba 5 deeggarsa taasiise

Finfinnee, Muddee 6, 2013 (FBC) – Biyyoota galii gadi aanaa fi giddugaleessa qabaniif talaallii Covid – 19 qaqqabsiiduuf karoora qabameef gamtaan Awrooppaa Yuuroo miiliyoona dhibba 5 deeggarsa taasiise.

 

Biyyoonni humna diinagdee qabaniin osoo wal hin caaliin Afrikaa, Eeshiyaa, Kaariibiiyaanii fi Paassifik akkasumas  Baha fi Lixa Awurooppaatti talaallii Covid-19 karaa haqa qabeessaa fi madaallawaa ta’een qaqqabsiisuuf gamtaan Awurooppaa dhaabbata deeggarsa laataa talaallii Covid-19 ‘Koovaaksii’ jedhamuun hundaa’eef  Yuuroo miiliyoona dhibba 5 deeggarsa taasiiseera.

 

Deeggarsi gamtichi taasiise tattaaffii weerara dhibichaa addunyaarraa dhabamsiisuu taasiifamu kan ariifachiisuu fi talaalliin dhibichaa milkiin akka wal ga’u tumsa jedhameera.

 

Haaluma kanaan biyyoota galii gadi aanaa fi giddugaleessaa qaban hirmaannaa qindoomina Koovaaksiin keessatti qaban guddisuuf Baankiin Invaastimantii Awurooppaa Yuuroo miiliyoona dhibba 4 laachuuf waliigaleera.

 

Bifuma walfakkaatuun Fandiin Misooma Itti fufaa Awurooppaa Komishinii gamtaa Awurooppaan kan kaffalamu Yuuroo miiliyoona dhibba 1 kennaan laachuuf waadaa galeera.

 

Preezdaantiin Komishinii gamtaa Awurooppaa Hursuullaa Voon Daar Layan Komishiniin gamtaa Awurooppaa fi Baankiin Invaastimantii Awurooppaa addunyaan talaallii Covid-19 haqa qabeessaa fi hunda galeessa ta’e argachuu akka dandeessuuf Koovaaksii ciminaan ni  deeggara jedhan.

 

Gamtaan Awurooppaa fi Gareen Awurooppaa dhabbata deeggarsa laataa Koovaaksiif Yuuroo miiliyoona dhibba 8 fi miiliyoona 50 deeggarsa taasiiseera.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment