Biyyoota Eesiyaatti Hidha Haaromsaarratti hubannaa uumuuf hojjetameera jedhe Indooneezhiyaatti Imbaasiin Ityoophiyaa

Finfinnee, Muddee 1, 2012 (FBC) – Biyyoota Eesiyaatti Hidha Haaromsaarratti hubannaa uumuuf hojjetameera jedhe Indooneezhiyaatti Imbaasiin Ityoophiyaa.

Indooneezhiyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dooktar Admaasuu Tsaggaayeen Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin turmaata taasisaniin akka beeksisanitti, biyyoonni Eesiyaa Ityoophiyaan hidhata naannichatti uumaa jirtu deeggaruuf qophaa’ummaa agarsiisaa jiru jedhan.

Jijjiirramni Ityoophiyaatti waggoottan lamaanitti galmaa’e hawaasa idil addunyaa biratti fudhatama dabalaafii jiras jedhan.

Hidha Haaromsaarrattis hojiin hubannaa cimsuu hojjetama ajiraachuu beeksisaniiru.

Comments (0)
Add Comment