Biyyoota Baha Afrikaa gidduutti feestivaala aadaa gaggeessuuf bakka buutota Imbaasii waliin mariin taasifame

Finfinnee, Bitootessa 23, 2014 (FBC) – Biyyoota Baha Afrikaa gidduutti feestivaala aadaa gaggeessuuf bakka buutota Imbaasii waliin mariin taasifameera.

Qophii aadaa fi aartiin hariiroo dippiloomaasii ijaaruu fi biyyoota gidduutti walitti hidhamiinsa diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa cimsuuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaan ibsaniiru.

Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin gamasaaniin biyyoota hirmaattota galateeffachuun biyyoota Baha Afrikaa gidduutti feestivaalli aadaa gaggeeffamuun hariiroo uummataa cimsuuf murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Marichaan feestivaalichaa fi waltajjii hariiroo uummattootaa Ityoophiyaatti gaggeessuuf waliigalteerra ga’amuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment