Finfinnee, Muddee 8, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Albuuda Baasaa Noorweey Akooboon Ityoophiyaatti Albuuda baasuuf eeyyama argachuun hojii eegaluu beeksiiseera.
Itti gaafatamaan Dhaabbata Albuudaa Akooboo Joorgan Evijeen wayita Ityoophiyaatti hojii invastimantiirratti bobba’uuf murteessu akkamitti biyya nagaan hin qabne keessatti qabeenya kee dhangalaafta gaaffii jedhu ka’aafii turuu himaniiru.
Finfinneen garee shororkeessaan marfamteerti ololli jedhu tureera, yaa ta’uuti odeeffannoon tatamsaa’aa ture hundi olola sobaa ta’uu hubadheera jedhan.
Biyyoota Albuudni keessatti ba’u hedduu keessaa Ityoophiyaan biyya tasgabbooftuu fi nagaa qabdu taatee argadheera jedhan.
Erga gareen shororkeessaa ABUT weerara bane kaasee miidiyaaleen biyyoota lixaa gabaasa sobaa gabaasaa turuu himaniiru.
Gabaasa kana hordofee Imbaasiin Noorweey Finfinneetti argamu lammiileen Noorweey Finfinnee akka ba’an waamicha dhiyeessuu turuu eeraniiru.
Yaa ta’uutii waamicha Imbaasichi taasiiseen duraa fi boodas Finfinneetti rakkoo nageenyaa muudate hin argine jedhan.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna