Biyyoota Afrika garaagaraatti lammileen haala rakkisaa keessa jiran kuma 12 ol Ityoophiyaatti deebifamuufi

Finfinnee, Adoolessa 7, 2014 (FBC) – Biyyoota Afrika Giddugaleessaa fi Bahaatti haala rakkisaa keessa kan jiran lammileen kuma 12 ol gara Ityoophiyaatti deebifamuuf ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alam miidiyaaleef ibsa kennaniin, nageenyummaa lammiilee biyyoota garaagaraatti argamanii kabachiisuuf xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Har’a irraa eegalees biyyoota Afrikaa Giddugaleessaa fi Bahaatti haala rakkisaa keesaatti lammiilee argaman kuma 12 ol gara biyyatti deebisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Ityoophiyaannonni gara biyyatti deebifamanis Taanzaaniyaa, Maalaawii, Zaambiyaa, Zimbaabuwee, Jibuutii, Sudan, Yemenii fi Omaanitti kanneen argaman ta’uu eeraniiru.

Gama biraatiin, walga’iin idil addunyaa Badiir waggoota 21’f biyya alaatti gaggeeffamaa ture, barana yeroo jalqabaaf mata duree “Garaa eenyummaatti” jedhuun Finfinneetti guyyoota 10’f gaggeeffamuuf ta’uu ibsaniiru.

Zaman Bayyanaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment