Biyyoonni ollaa biqiltuu Ityoophiyaan dhiyeessitu dhaabuuf waktii mijataa eeggachaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2013 (FBC) – Biyyoonni ollaa biqiltuu Ityoophiyaan dhiyeessituuf dhaabuuf gabatee yeroo mijaata kaa’uu Komishiniin Eeggumsa Naannoo, Bosonaa fi Qabeenya Jijjiirrama Qilleensaa beeksiise.
Komishinichi kaka’umsa Muummee Ministiraan sagantaan Ashaaraa Magariisaa waggaa 3 dura eegalmuu ibsaniiru.
Bara kana sagantaa Ashaaraa Magaariisaa ‘Ityoophiyaa yaa uwwisnu’ jedhuun biqiltuu biiliyoona 6 dhaabuuf hojiitti galamuu ibsameera.
Biyyoota ollaaf biqiltuu biiliyoona 1 dhiyeessuuf karoorfamee biyyoonni kunneen biqiltuu kana fudhachuun dhaabuuf waktii mijataa eeggachaa jiraachuu Komishinarri Komishinii Eeggumsa Naannoo, Bosonaa fi Qabeenya Jijjiirrama Qilleensaa Proofeesar Fiqaaduu Bayyanaan ibsaniiru.
Sudaan Kibbaaf biqiltuun miiliyoonni 91, Sudaaniif miiliyoonni 356, Eertiriyaaf miiliyoonni 29, Jiibuutiif miiliyoonni 9, Soomaaliyaaf miiliyoonni 129 fi Keeniyaaf biqiltuun miilyonni 380 qophaa’uu ibsaniiru.
Ruwaandaa fi Ugaandaan Ityoophiyaan deeggarsa biqiltuu akka taasiiftuu gaafachuu himameera.
Ityoophiyaatti lakkoofsa saayinsaawaa bara 2013 gaggeeffameen uwwisni bosonaa Ityoophiyaa bara 2007 % 15.5 irra ture gara % 17.2 ol guddachuu Proofeesar Fiqaaduun himaniiru.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa waggoota 3 darbaniin guutuu Ityoophiyaatti biqiltuun gosti garaagaraa biiliyoonni 9 dhaabbachuu ibsaniiru.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment