Biyyoonni naannwichaa Shororkeesummaa fi yakkootaa daangaa ce’oorratti walta’iinsaan hojjechuu qabu jedhame

Finfinnee, Hagayya 4, 2015 (FBC)- Gaanfa afrikaatti yaaddoowwan shororkeessummaa fi yaakkootaa dangaa ce’oo ittisuu fi to’achuuf biyyoonni naanwichaa walta’iinsaan hojjechuu akka qaban eerame.

Yaa’iin qondaaltotaa olaanoo dhaabbilee nageenyaa fi odeeffannoo Ityoophiyaa, Keeniyaa, Somaaliyaa, Jibuutii fi Siishelsii hirmaachisee Finfinneetti gaggeeffameera.

Akka Ittaanaan Daayrektara Olaanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa Obbo Taazer Gabiragzaabeer haasawaa taasisaniin Baha Afrikaa shororkeessitootaaf bakka mijataa qofa osoo hin taane, shororkeessummaan naannichaaf yaaddoo nageenyaa ta’ee itti fufee jira jedhan

Keessumaa gareewwan shororkeessitoota Alshabaab fi ISIS biyyoota naannawichaa garaagaraa keessatti toora caasaa isaani idiriirsuun hojii gochaa shororkeessummaa raawwachuuf halkanii guyyaa carraaqaa jiru jedhaniiru.

Gareen shororkeessummaa kunneen gama faayinaansii, filmannoo humna namaa, leenjii fi meeshaaleen wal deeggaruun shirri isaanii akka hundee jabeeffatuuf carraaqqii walirraa hincitne taasisaa jiraachuu eeraniiru.

Naannawaan kun daandii daddabarsa seeraan alaa namaa, Daldala meeshaalee waraanaa seeraan alaa fi yakkoonni daangaa ce’oon bal’inaan kan mul’atu ta’uun gocha isaaniif haala mijataa uumeera jedhan.

Qabsoon shororkeessitoota irratti taasifamu carraaqqii biyya tokkoo qofaan galma gahuu waan hindandeenyeef biyyoonni walta’iinsaa fi tumsan duula farra shororkeessummaa gaggeessuu akka qaban Obbo Taazar ibsaniiru.

Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa, waggaa tokko darbe keessatti, haleellaa shororkeessummaa dhaabbilee tikaa fi nageenyaa biyya alaa gita isaa waliin hojiilee tumsaan hojjetaniin, gochaa shororkeessummaa raawwatamuuf ture fashaleessuun, miseensota ISIS 121 fi kanneen miseensocta Alshabaab gochicha waliin hidhata qaban 165 to’annaa jala oolchuu yaadachisaniiru.

Baha Afrikaatti, keessumaa biyyoota Galaana Hindii waliin daangeffaman keessatti, walitti dhufeenyi gareewwan shororkeessummaa fi neetiwoorkiiwwan gareewwan gurmaa’uun yakka daangaa ce’oo raawwtan gidduu jiru dabalaa dhufuu ibsaniiru.

Yaadoo shororkeessummaa to’achuuf tumsaa fi qindoomina dhaabbilee hedduu sadarkaa biyyoota lamaanii, kutaalee ardii, ardiilee fi idil-addunyaa cimsuun barbaachisaa ta’uu eerameera.

filannoo humna namaa, ololaa fi finxaalummaa gareewwan shororkeessitootaa ittisuuf tarkaanfiiwwan fudhataman cimsuun xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu ibsameera.

Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa Faanaa Broodkaastiingi Koorporeetiif ibsi erge akka argisisuutti, gareewwan shororkeessitootaa fi neetiwoorkiiwwan yakkootaa ittisuuf, tumsa biyyoota lamaanii fi walta’iinsa damee hedduu cimsuun barbaachisaa ta’uu irratti waliigalteerra ga’ameera.

Bu’uuruma kanaan tarkaanfiiwwan madda maallaqaa shororkeessitootaa adda baasuu fi gogsuuf tarkaanfiilee fudhataman dabalatee, duula farra shororkeessummaa waloon gaggeessuun bu’a qabeessa taasisuu danda’an, yaadi galtee qabxiilee 20 of keessaa qabuun kaa’uun waltajjiin marii kun xumurame.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment