Biyyoonni miseensoota garee 20 yeroo kaffaltii liqii biyyoota hiyyeeyyii dheeressan

 Finfinnee, Eebila 8, 2012 (FBC)–   Biyyoonni miseensoota garee 20 yeroo kaffaltii liqii biyyoota hiyyeeyyii dheeressuu beeksisan.

Ministeeroonni maallaqaa biyyoota miseensoota garee 20 marii taasisaniiru.

Marichaanis biyyoonni hiyyeeyyiin tattamsa’ina vaayrasii koroonaa to’achuuf carraaqqii taasisaa jiran deeggaruuf yeroo isaan liqii itti deebisaan akka dheeratuuf waliigalteera ga’aniiru.

Bu’uuruma waliigaltichaan yeroon kaffaltii liqaa bara faranjootaa Caamsaa 1, 2020 hanga waggaa dhumaati ni tura jedhameera.

Hoggantoonni Baankii Addunyaa fi Dhaabbata Mallaqaa Idil Addunyaa (IMF) murtee kana dinqisifataniiru.

Maddi :- Aljaziira

 

 

Comments (0)
Add Comment