Finfinnee, Waxabajjii 6, 2016 (FBC) – Biyyoonni miseensa garee 7 qabeenya Raashiyaa akka hin sochoone dhorkaman akka wabiitti qabachuun liqaa Doolaara biiliyoona 50 Yuukreeniif eeyyamaniiru.
Biyyoonni miseensa garee 7 Waraana Hamaas – Isiraa’eel, Raashiyaa fi Yuukreenirratti Xaaliyaaniitti mari’achaa jiru.
Har’a dhimma waraana Raashiyaa fi Yuukreenirratti mari’ataniiru jedhame.
Kanaanis qabeenya Raashiyaa akka hin sochoone dhorkaman akka wabiitti qabachuun liqaa Doolaara biiliyoona 50 Yuukreeniif eeyyamuu gabaafameera.
Qabeenyi Raashiyaa Doolaara biiliyoona 300 baasu Gamtaa Awurooppaa keessatti kan argamu ta’uu RTn gabaaseera.
Qabeenya kanneen fudhachuuf yaaliin taasiifamu kamiiyyuu yaalii hannaa akka ta’eetti kan fudhattu ta’uu Mooskoon irra deddeebiin akkeekkachiisaa turte.
#Oromia #Ethiopia