Biyyoonni miseensa Gamtaa Awurooppaa Yuukreen deeggaruuf barfataniiru – Viloodoomiir Zeenaliskii

Finfinnee, Bitootessa 16, 2014 (FBC) – Biyyoonni miseensa Gamtaa Awurooppaa Yuukreen deeggaruuf barfachuu isaanii Preezdaantiin Yuukreen Viloodoomiir Zeenaliskiin dubbatan.
Biyyoonni miseensa Gamtaa Awurooppaa walga’ii idilee Beeljiyeem magaalaa Biraasalsitti gaggeessaniin meeshaalee waraanaa fi deeggarsa namoomaa Yuukreen deeggaruuf, akkasumas qoqqoobbii murteessoo ta’an Raashiyaarra kaa’uuf waliigaluun kan yaadatamuudha.
Preezdaantiin Yuukreen Viloodoomiir Zeenaliskiin ergaa Viidiyoon Mana Maree Gamtichaaf dabarsaniin biyyoonni Awurooppaa Raashiyaarra qoqqoobbii kaa’uuf daraan barfataniiru,tarkaanfii ariifataa osoo fudhatanii Raashiyaan weerara bal’aa kana gaggeessuu hin dandeessu turte jedhan.
Biyyoonni miseensa Gamtaa Awurooppaa qoqqoobbii Raashiyaarra kaa’aniif Keev galata qabdi, yaa ta’uutii qoqqoobbichi daraan kan barfate jedhan.
Preezdaant Viloodoomiir Zeenaliskiin Yuukreen miseensa gamtaa Awurooppaa ta’uuf gaaffii dhiyeessuu eeruun, gamtichi gaaffichaaf murtoo hatattamaa akka laatu gaafataniiru.
Gama biroon Waraanni Raashiyaa galma Tiyaatiraa Maariiyoopool irratti haleellaa raawwateen namoonni 300 ol ajjeefamuu fi Raashiyaan haleellaa lammiilee nagaarratti xiyyeefate raawwachaa jiraachuu aanga’oonni biyyattii Raashiyaa himataa jiru.
Dubbii Himaan Ministeera Raayyaa Ittisaa Raashiyaa Igoor Koonaasheenkoov gama isaaniin, Raashiyaan lammiilee nagaaf of eeggannoo cimaa taasiisuun oppireeshinii gaggeessaa jiraachuu fi magaaloota to’annoo jala jiraniif koriidaroota deeggarsa namoomaa banaa taasiisaa jirti jechuun himata aanga’oota Yuukreeniif duub deebii laataniiru.
Lammiileen miiliyoonni 10 ol Yuukreenii gara biyyoota ollaa garaagaraatti godaanuu Komishinarri olaanaan Komishinii Dhimmoota Godaantootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii beeksiseera.
Godaantoota miiliyoona 10 keessaa miiliyoonni 3.6 Yuukreenii gara biyyoota ollaatti kan godaanaan yoo ta’u, miiliyoonni 6.5 ammoo naannolee waraanni jiruu baqachuun bakka nageenya fooyya’aa qabutti imaluu isaanii RT gabaaseera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment