Biyyoonni miseensa gamtaa Awurooppaa godaantotaan dhuunfatamuu akka danda’an gamtichi akeekkachiise

Finfinnee, Adoolessa 5, 2014 (FBC) – Biyyoonni miseensa gamtaa Awurooppaa godaantotaan dhuunfatamuu akka danda’an Gamtaan Awurrooppaa akeekkachiisuu gabaafame.

Sababa waraana Raashiyaa fi Yuukreeniin hanqinni midhaan nyaataa mudachuun godaantonni gara biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaatti akka imalan dirqisiisuu akka danda’u Ejensiin Eegumsa Daangaa fi Qarqara Galaanaa Awurooppaa yaadachiiseera.

Gamtaan Awurooppaa godaantota Yuukreen simachuuf qophii ta’uu Daayrektarri ejensichaa Ayijaa Kaalnaajaan ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin beeksisaniiru.

Waraanichi Yuukreenota dabalatee biyyoota Afrikaa Kaabaa fi midhaan nyaataa biyyattiirraa bitan hunda miidhuu kaasuun, imalli  godaantotaa gara biyyoota Awurooppaatti taasifamu jiraachuu akka maluufi biyyoonni simachuuf qophii akka ta’an yaadachiisaniiru.

Dhimmi yeroo Yuukreen hatattamaan furamuu baannaan biyyoonni Ispeeniifi Xaaliyaaniin biyyoota danbalii godaantotaa keessummeessan warreen jalqabaa akka ta’an gamtichi eeruu RTn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment