Biyyoonni Miseensa G 7 Zayita Boba’aa Raashiyaarratti qoqqoobbii kaa’aan

Finfinnee, Caamsaa 1, 2014 (FBC) – Biyyoonni Miseensa biyyoota Badhaadhanii (G7) Zayitni Boba’aa Raashiyaa gara biyya isaanii akka hin seenne qoqqoobbii kaa’uu dhaga’ameera.
Biyyoonni Miseensa biyyoota Badhaadhanii (G7) waldhabdee Raashiyaa fi Yuukreen gidduutti uumame hordofee Zayitni Boba’aa Raashiyaa gara biyya isaanii akka hin seenne qoqqoobbii kaa’uu isaanii gabaafameera.
Biyyoonni kunneen Preezdaantii Raashiyaa Viilaadmiir Putiinirratti dhiibbaa uumuuf murtoo kana dabarsuu isaanii gabaasni ‘Waayit Hawuus’ kaleessa baase addeesseera.
Murtoon kunis Diinagdee biyyattii daraan miidhuun galii waraanichaaf barbaachisu dhabamsiisuuf kan gargaaru ta’uu ibsameera.
Biyyoonni miseensa biyyoota badhaadhanii Zayita boba’aa kanarratti qoqqoobbii kaa’uuf mari’achaa jiraachuu kan ibsame yoo ta’u, haala qoqqoobbichaa ilaalchisee garuu wanti ibsame hin jiru jedhame.
Marii interneetiin gaggeeffame kanarratti Preezdaantiin Yuukreen Zeelaniskiin hirmaachuu ‘The Moscow Times’ gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment