Biyyoonni miseensa Baha Afrikaa uffataalee fi kopheewwan alaa galan dhorkuuf ta’uu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2014 (FBC) – Keeniyaa,Ugaandaa, Taanzaaniyaa, Rawaandaa fi Burrundiin uffataalee fi kopheewwan alaa galan dhorkuuf ta’uu ibsameera.
Biyyoonni kunneen huccuwwanii fi kopheewwan alaa galan kan dhorkan Indaastiriiwwanii fi Warshaalee Huccuu fi Kophee biyya keessaa jajjabeessuuf ta’uu himameera.
Bara Faranjootaa 2016 eegalee lammiileen oomishaalee biyya keessaa akka fayyadaman lallabaa turuu isaanii ‘The East Africa’n gabaaseera.
Biyyoonni Eeshiyaa kan guddatan meeshaalee Indaastirii alaa galan dhorkuu isaaniin ta’uu Hojii Raawwachiisaa olaanaan Mana Maree Biiznasii Afrikaa Bahaa Joon Kaaliisaan ibsaniiru.
Biyya kamittuu Indaastiriin biyya keessaa oomishaalee alaa galan osoo hin dhorkinii fi uwwisa mootummaan laatuun ala guddate hin jiru jedhan.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment