Biyyoonni Lixaa Yuukreeniif miisaa’eloota fageenya dheeraa akka hin dhiyeessineef Preezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin akeekkachiisan

Finfinnee, Caamsaa 28, 2014 (FBC) – Ameerikaa fi biyyoonni Lixaa Yuukreeniif miisaa’eloota fageenya dheeraatti furguggifaman  akka hin dhiyeessineef Preezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin akeekkachiisuu gabaafame.

Miisaa’eloonni fageenya dheeraarratti furgiggifaman Yuukreeniif kan dhiyaatan yoo ta’e Raashiyaan tarkaanfii duub-deebii kan fudhattu ta’uu fi qiyyeeffannoowwan kanaan dura hin fayyadamiin fayyadamuuf kan dirqaman ta’uu Vilaadmiir Putiin gaaffii fi deebii televizhiinii Roosiyaa 1 jedhamu waliin taasisaniin ibsaniiru.

Deeggarsi  meeshaalee waraanaa biyyoonni lixaa Yuukreeniif  taasisan waraanicha lafarra harkisuuf kan kaayyeffatedha jechuun komii biyyoota lixaarraa qaban kaasuu TRTn gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment