Finfinnee, Onkololeessa 19, 2014 (FBC)- Xaaliyaanii fi Hindiin hariiroo Ityoophiyaa waliin qaban cimsanii kan itti fufan ta’uu ibsame.
Biyyoonni lameen kunneen hariiroo Ityoophiyaa waliin qaban daran cimsanii kan itti fufan ta’uu Ministiroonni Ministeera Dhimma Alaa biyyoota lameenii ibsaniiru.
Ministiroonni kunneen irra deebiin muudamuu Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniniif ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Xaaliyaanii Dii Maayoon hariiroon kanaan dura biyyi isaanii Ityoophiyaa waliin qabdu sadarkaa olaanaatti ce’uu akka qabu ibsaniiru.
Ityoophiyaan nageenyaa fi tasgabbii gaanfa Afrikaaf furtuu ta’uu ibsuun, rakkoo keessoo ishee mudate darbuuf carraaqqii taasisaa jirtu xaaliyaan kan deeggartu ta’uu kaasaniiru.
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Hindii gamasaaniin, fayyadamummaa uummata biyyoota lameeniif daran hojjechuuf abdii qaban ibsuu ragaan Waajjira dubbi himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.