Biyyoonni laakoofsa bara warra Giriigooriyaanii hordofan har’a Ayyaana Hiikaa kabajaa jiru

Finfinnee, Eebila 4, 2012(FBC) – Biyyoonni laakoofsa bara warra Giriigooriyaanii hordofan har’a Ayyaana Hiikaa kabajaa jiru jedhame.
 
Biyyoonni addunyaa amantaa Kiristinnaa hordofan hedduunn ayyaana du’aa ka’uu Iyyasuus Kiristoosa haala addaan kabajuurratti aragmu.
 
Sababa weerara vaayrasii koroonaan haala kana dura barameen kabajuun rakkisaa ta’us hordoftoonni sirnoota garaagaraan kabajuurratti argamu jedhameera.
 
Biyyoonni tokko tokko garuu bifuma kanaan duraa kabajaa jiru jedhame.
 
Haalli kun weerara vaayrasii koroonaa caalmaatti akka hin babal’ifne sodaa guddaa uumuu isaa ibsameera.
 
Maddi:-BBC
Comments (0)
Add Comment