Biyyoonni garaagaraa dippiloomaatota isaanii Sudaanii baasuufi

Finfinnee, Eebla 14, 2015 (FBC)-Biyyoonni garaagaraa dippiloomaatotaa fi lammiilee isaanii Sudaanii baasuuf qophiin taasifamaa jiraachuun ibsame.

Ajajaan Humna Waraanaa Sudaan Jeneraal Abdul Fattaa Al Burhaan akka jedhanitti, Ameerikaa, Ingiliiz, Chaayinaa fi Faransaay biyyoota dippilomaatota isaanii biyyattii baasuuf fedhani.

Dippiloomaatonni kunneenis biyyattii akka ba’aniif tattaaffiin akka taasifamu ibsaniiru.

Buufanni Xiyyaaraa Idil Addunyaa Kaartumitti argamu qiyyaafannaa haleellaa meeshaalee waraanaa jajjaboo waan ta’eef, xiyyaarota waraanaan akka baafaman barbaachisuu himaniiru.

Ameerikaa gama isheen hojjettoota Embaasii ishee Sudaanii ba’an simachuuf loltoota ishee buufata waraanaa ishee Jibuutiirraa bobbaasaa jiraachuu beeksisteetti.

Humnoota Sudaan gidduutti waraanni gaggeeffamu, meeshaalee waraanaa guguddaan, qilleensarraa fi lafoon itti fufuu kan eerame, hanga ammaatti namoonni 400 waraanichaan du’uu Aljaziiraan gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment