Biyyoonni Gamtaa Awurooppaa itti fayyadama gaazii hir’isuuf waliigalan

Finfinnee, Adoolessa 20, 2014 (FBC) – Ministiroonni Inarjii biyyoota Gamtaa Awurooppaa kaleessaa Biraasalsitti walga’ii gaggeessaniin itti fayyadama boba’aa gaazii %15 hir’isuuf waliigalaniiru.

Waliigaltechaan haalota hir’isa fayyadama boba’aa gaazii dirqamsiisaan tilmaama keessa galchuun akka ta’e ibsameera.

Raggaasifamni hir’isaa murtee kan argatus, mana marii dureewwan biyyoota miseensota gamtichaa hirmaachiseen erga mirkanaa’ee booda ta’uu eerameera.

Pireezidaantiin Koomiishinii Gamtaa Awurooppaa Ursuullaa Voondiyeen ibsa miidiyaaleef kennaniin, fedhii fayyadama boba’aa gaazii hir’isuuf biyyoota seera qabeeyyii hunda giddugaleeffachuu qaba jedhaniiru.

Ministiroonni gamtichaa murtee kanarraa kan ga’an, dhaabbanni dhiyeessaa boba’aa gaazii Raashiyaa Gaazpiroom sarara boba’aa murteessa Nordistiriimiin boba’aa dhiyeessu %20 akka hir’isu ibsuu hordofeeti.

Dabalataan, sarara dhiyeessi 2ffaa Simeensi hojii akka dhaabuu tibbana murteesseera.

Hir’isi dhiyeessii, nageenya biyyaa giddugaleeffachuun tarkaanfii fudhatame ta’uu fi suphaa taasisuuf sababa jedhuun ifatti walamantaa hir’isuu, gatiin akka dabaluu fi tokkummaa Gamtaa Awurooppaa dadhabsiisuuf hojjecha jiraachuun eeramuu RT fi CGTN gabaasaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment