Biyyoonni gaazii ergan sababa vaayirasii koroonaan oomisha isaanii hir’isuufi

Finfinnee, Amajjii 26, 2012 (FBC) – Biyyoonni gaazii ergan sababa vaayirasii koroonaan oomisha isaanii hir’isuufi

waldaan biyyoota gaazii oomishanii fi erganii (OPEC) fi tumsitoonni isaanii sababa dhiibbaa vaayirasii koroonaan guyyaatti oomisha gaazii barmeela kuma dhibba 5 hir’isuuf yaada jiraachuu ibsame.

Weerara vaayirasi koroonaa Chaayinatti mudateen kurmaana jalqaba waggatti fedhiin gaazii barmeela kuma dhibba 2 fi kuma 50 hir’isuu akka danda’u tilmaamameera.

Raashiyaa dabalatee waldaan biyyoota gaazii oomishaanii fi erganii yeroo qabameef dursanii walga’ii ministirootaa gaggeessuuf karoora qabachuu ibsameera.

Maddi:- Rowutars

Comments (0)
Add Comment