Biyyoonni eegumsa qabeenya bishaaniif Sagantaan Ashaaraa Magariisaa hojiirraa oolchuu qabu jedhame

Finfinnee, Hagayya 8, 2015 (FBC)-Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Ityoophiyaatti hojiirra oolaa jiru faayidaan inni gama eegumsa qabeenyaa bishaaniif qabuun biyyoonni hojiirra oolchuu akka qaban Ministirri Ministeeraa Bishaanii fi Inarjii Injiinar Habtaamuu Ittafaan ibsan.

Sagantaan Ashaaraa Magariisa dhiibbaa garaagaraa jijjiirama qabeenya qilleensaa Gaanfa Afrikaatti qaqqabsiisaa jiruuf faayidaa damee hedduu akka qabu eerameera.

Injiinar Habtaamuu Ittafaan akka dubbatanitti, bara 2011 eegalee hojiirra oolaa kan jiru Sagantaan Ashaaraa Magariisaa faayidaan eegumsa qabeenya bishaanii waaraaf qabu olaanaadha.

Sagantichis Ityoophiya dabaltee biyyoota biroofillee faayidaa akka qabu himan.

Dimshaashumatti faayidaan Ashaaraan Magariisaa dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuu fi eegumsa qabeenya bishaaniif qabu hubachuun, biyyoonni hojiirra oolchuu akka qaban dubbataniiru.

Ministeerri Bishaanii fi Inarjii dhaabbilee qorannoo waliin ta’uun eegumsi qabeenya bishaanii bu’aa qabeessa akka ta’uuf hojiilee qorannoo fi qo’annoo garaagaraa hojjechaa jiraachuu eeruu TOI gabaaseera.

Ityoophiyaan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa jalqabaan biqiltuuwwan biiliyoona 25 dhaabuun kan yaadatamuudha.

Marsaa 2ffaan ammoo biqiltuuwwan biiliyoona 25 dhaabuuf hojjetamaa jiraachuun ni beekama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment