Biyyoonni daangeffama kaasuu eegaluun isaanii weerarri vaayrasii koroonaa irra deebiin babal’achuu akka danda’u sodaa uumuu ibsame

Finfinnee, Eebila 30, 2012 (FBC) – Biyyoonni daangeffama kaasuu eegaluun isaanii weerarri vaayrasii koroonaa irra deebiin babal’achuu akka danda’u sodaa uumuu ibsame.

Ameerikaatti kutaaleen bulchiinsa biyyattii tokko tokkoo fi Awrooppattis biyyoonni muraasni dhaabbileen tajaajilaa tajaajilaaf banaa akka ta’en taasisaniiru jedhame.

Manneen nyaataa, dhugaatii fi rabsaaleen dhugaatii, manneen miidhaginaa fi kaafteeriyaawwaan biyyoota Awrooppaa fi Ameerikaatti tajaajila laachuu eegalaniiru.

Chaayinaa fi Jarmanitti ammoo manneen barnootaa hojii baruu fi barsiisuu eegaluu isaanii ibsameera.

Dhaabbileen fayyaa fi ogeeyyiin fayyaa garuu daangeffamni ka’uun isaa tatamsa’inni vaayrasichaa irra deebiin miidhaa hammaataa geessisuu danda’a jedhuun sodaa qaban ibsaa jiru.

Weerara vaayrasii kanaan Ameerikaatti qofa namoota miiliyoona 1 fi kuma dhibba 2 fi kuma 92 fi 879 dhibichaan qabaman keessaa namoonni kumni 76 fi 942 ol lubbuun darbaniiru.

Maddi:-Aljezeera

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

 

Comments (0)
Add Comment