Finfinnee, Caamsaa 24, 2015 (FBC) – Biyyoonni carraa gaarii naannawaan Saayibarii uumeerraa faayidaa waaraawaa argachuuf dandeettii dhaloota ijaaruurratti hojjechuu akka qaban Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo beeksiise.
Dhaloota gidduutti walitti hidhamiinsa yaadaa fi ce’umsa beekkumsaa uumuun murteessaa ta’uu bulchiinsichi ibseera.
Ulaa beekkumsaa dhaloota gidduu jiru guutuuf ijaarsa dandeettii itti fufiinsa qabu hojjechuun barbaachisaa ta’uu Daayrektarri Olaanaan bulchiinsichaa Obbo Salamoon Sokkaan eeraniiru.
Obbo Salamoon Agarsiisaa Afrikaa J Ayitiiksiirratti hirmaachaa jiru.
Dhaabbileen Sona Saayibariirratti hirmaatan hanqina ga’umsa humna namaa waliin walqabatee jiru furuuf misooma humna namaaf iddoo olaanaa laachuu akka qaban hubachiisaniiru.