Biyyoonni Afrikaa waggaa waggaan bittaa midhaan nyaataaf Doolaara biiliyoona 45 baasu jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2014(FBC) – Biyyoonni Afrikaa waggaa waggaan oomisha midhaan nyaataa alaa bittaan galchuuf Doolaara biiliyoona 45 kan baasan ta’uu Gamtaan Afrikaa beeksiise.

Biyyoonni Afrikaa wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo olaanaa laachuu akka qaban waamicha dhiyeesseera.

Komishinarri Komishinii Qonna Misooma Baadiyyaa, Diinagdee fi Qilleensa naannoo Ambaasaaddar Jooseef Saakoo Sirna nyaataa Afrikaa ilaalchisee ibsa laataniiru.

Afrikaan lafa Qonnaaf ooluu % 60 osoo qabduu oomisha midhaan nyaataa Alaa bituuf Doolaara biiliyoona 45 kan baastu ta’uu ibsaniiru.

Baasii olaanaa bara baraan ba’u kana hir’isuuf biyyoonni Afrikaa wabii midhaan Nyaataa mirkaneessuuf hojjechuu akka qaban dubbataniiru.

Qonnaan bultootaaf dhiyeessii liqaa barbaachisu mijeessuun dirqama ta’uu ibsaniiru.

Qonnaan bultoota Afrikaa keessaa %50 dubartoota ta’uu ibsuun, dubartootaaf deeggarsa addaa taasiisuun bu’aa qabeessummaa Qonna Afrikaa guddisuun hojii ijoo ta’uu qaba jedhan.

Gamtaan Afrikaa bu’aa qabeessummaa qonnaa guddisuuf biyyoota miseensa gamtichaaf deeggarsa Maallaqaa, Teeknikaa fi Imaammataa kan taasiisu ta’uu Ambaasaaddar Jooseef himaniiru.

Walga’iin 39ffaan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Ministirootaa Gamtaa Afrikaa dhimmicharratti.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment