Biyyoonni Afrikaa tumsaa fi hariiroo naannawaa cimsuun ce’umsa anniisaa haaromuu guddisuu qabu jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2015 (FBC) – Fooramanii Inarjii Afrikaa Keeniyaa Naayiroobiitti gaggeeffamaa jira.

Fooramicharratti hirmaachaa kan jiran Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Haabtaamuu Ittafaan, biyyoonni Afrikaa tumsaa fi hariiroo naannawaa cimsuun ce’umsa anniisaa haaromuu yoo guddisan damichaan sadarkaa idil addunyaatti dorgomaa ta’uu danda’u jedhan.

Ityoophiyaatti ammas lammiileen miiliyoonni 60 ol fayyadamoo Humna Elektirikaa kan hin taane ta’uu eeraniiru.

Hanqinna dhiyeessii anniisaa Ardii Afrikaa furuuf hirmaannaan dhiyeessa faayinaansii gama mootummaa fi damee dhuunfaa akkasumas, dhaabbilee deeggartoota misoomaa murteessaa ta’uu himaniiru.

Fooramicharratti ministiroonni damichaa biyyoota 24, bakka buutoonni biyyoota garaagaraa fi damee dhuunfaa hirmaachaa jiraachuu ragaan Ministeera Bishaanii fi Inarjiirraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment