Biyyoonni Afrikaa qabeenya isaanii anniisaa qindeessuun tumsa cimsuu qabu-Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa

Finfinnee, Fulbaana 19, 2013 (FBC) – Biyyoonni Afrikaa qabeenya isaanii anniisaa walitti qabuun tumsa cimsuu qabu jedhan ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan.
Ministirichi Dhaabbata Tumsa Misooma Anniisaa Idil Addunyaatti koree biyyoota Afrikaa hirmaachiserratti kallattii viidiyootin mari’ataniiru.
Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan dhaabbatichatti walitti qabaa koree Afrikaati.
Walga’ii hundeeffama korichaarratti haasaa taasisaniinis biyyoonni Afrikaa tumsaa fi hidhata misooma anniisaa cimsuu akka qaban eeraniiru.
Indaastirii anniisaa keessatti proojaktii misoomaa fi ijaarsa dandeettiirratti hojjechuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.
Jireenya lammiilee fooyyessuuf bu’uuraalee misoomaa fi misooma gama hundaa guutuun abbaltii mootummootaatis jedhan.
Kanaaf ammoo biyyoonni Afrikaa qabeenya anniisaarratti qaban qindeessanii misoomsuun hidhata naannoo cimsuu qabu jedhan.
Ityoophiyaan waggootaf humna elektiriikaa lammiiledhaan ga’uuf tattaaffachaa turtus ammas ummanni miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 10 keessaa %55 fayyadamoo ta’aa hin jiran jedhan Dooktar Injiinar Silashiin.
Yaata’uutii mootummaan bara Faranjootaa 2025tti qaqqabama humna elektiriikaa lammiiledhaan ga’uu fooyyessuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu ibsan.
Dhiyeessii elektiriikaa meeggaawaatii 4,413 qaqqabe, Hidha Haaromsaarraa meeggaawaatii 5150 maddisiisuu fi proojaktoota kaan xumuruun Ityoophiyaan 2030tti biyya keessaa fi alatti meeggaawaatii kuma 20 oomishuuf hojjetti jedhan.
Kun ammoo karoora Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 2030 fi kan Gamtaa Afrikaa 2063 milkeessuu dandeessisaan ibsan.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment