Biyyoonni Afrikaa Imaammata haala qabatamaa ummata waliin wal simu hordofuu qabu jedhame

Finfinnee, Fulbaana 14, 2014 (FBC) – Biyyoonni Afrikaa filannoo Imaammata haala qabatamaa ummata waliin wal simu hordofuu akka qaban Siiminaara Paartilee Siyaasaa Afrikaa 4ffaa Koministiin Chaayinaa qopheesserratti ibsameera.

Paartiin Badhaadhinaa imaammata biyya keessaa qorannoorratti hundaa’e hojiirra oolchuun guddina diinagdee Ityoophiyaaf hojjechuu cimsee kan itti fufu ta’uu Itti Gaafatamaan Damee Hariiroo ummataa fi qunnamtii Idil Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dooktar Biqilaa Hurrisaan hawaasa maricharratti taasiisaniin ibsaniiru.

Waggoottan sadan darban Imaammanni biyya keessaa hojiirra oole Ityoophiyaatti guddinni Diinagdee quubsaa ta’e galmeessuu himaniiru.

Guddinni Diinagdee galmaa’e qormaata weerara Covid -19 fi gochaa badii gareen shororkeessaa ABUT uume dandamachuun ta’uu dubbataniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT ammas farra guddina diinagdee Ityoophiyaa ta’aa jiraachuu Dooktar Biqilaan ibsuu isaanii ragaan Fuula Miidiyaa hawaasaa Paartii Badhaadhinaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment